Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

102: Qabeenya abbaan naaf hayyame akka fedhetti fayyadamuu dandahaa?

Gaafii: Manaan dalagu keessatti warri manaa waan mana keessa jiru hundaahuu itti fayyadami naan je’anii maaltu narra jira?

 

Deebisaa: Eega waan mana keessa jiru itti fayyadami siin je’anii waan kanarraa fatwaa gaafachuun keetuu bakka tanatti waatu jira jechu. Waan isaan biratti hin dalagne ta ati daandii irraa baatee isaan duubatti itti fayyadamtuutu si bira jira jechu. Eega fayyadami siin je’anii bikka tanatti wanti gaafii fide maali? Dogongorri argamuudha. Tanaaf jecha akkuma dalagaan tee wanni ati dalagdu ta akkanaa ta akkanaa siin je’anitti, wanni ati itti fayyadamtus beekkamuu qabdi. Amma fakkeenyaaf mana kana keessatti fayyadami yoo siin je’an ziqaya haadha manaa fuutee uffachuu siif hin hayyaman. Siree abbaa manaa gubbaa rafuu siif hin hayyaman. Waan mana jiru fuutee gurgurachuu siif hin hayyaman. Yoo waan bilchaate nyaachuu, telefoona dhawachuu taate, wanni mana keessatti hayyama siif godhan waan akkanaati jechu. Waan mana keessattti hayyama siif godhan kana ammoo bilchaataa ta’u, jiraa ta’u isaan gaafattu malee nama keetiif kennuu ykn sadaqachuun sirratti haraami. Kanaaf jechaa waan qalbii tee keessatti wanni kun akkamii shakkite takkallee isaan gaafattu malee ufitti hin tuqin.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam