Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

107: Eegaan salaata fixeen najisa firratti argee maaliin godha?

Gaafii: Eegan salaatee salaata fixadheen boodattin najisa ufirratti arkee salaanni kiyya sun akkami?

 

Deebisaa: Najaasaa si tuyxe yoo salaata keessatti yaadatte salaatuma keessattillee ufirraa baasuu dandeessa. Yoo dhalaa taate dhalaan huccuu ufirraa fuutee salaatuu waan hin dandeenneef jecha salaata cabsitee huccuu ufirraa jijjiiruu qabdi. Yoo dhiira taate ammoo, akka jaakkeettaa, akka koota gubbaadhaa, akka kophee haa ta’uu waan najisaa salaatuma keessatti ufirraa baasee salaata isaa bakkuma jiru irraa itti fuufuu danda’a. Kunis  daliilli dalagama Nabii keenyaati . Isaanii salaatatti jiru jibriil itti dhufee kopheen tee najisa qabdi je’ee itti himnaan Nabiin Rabbii salaatuma keessatti ufirraa baasanii salaata itti fuufan. Yoo najaasaan ati jettu tun ta fincaanii, ta udaanii, si wajjiin turtee quba qabdu, fakkeenyaaf sa’aa lamaafi sadii si wajjiin teessee danta dhabaan ka salaattuun taate salaata kee san deebisuudha qabda. Najaasaan ati quba hin qabne yoo si tuqxe ammoo eega salaattee yoo ufirratti agarte san salaata hin deebiftuu Rabbi sirraa haa qeebalu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam