Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

108: Horii bakka qalma horiitti qalan foon isaa nyaachuun ni dandayamaa?

Gaafii: Biyya Arabaa tana keessatti bikka horiin itti qalamee irraa fidamuutu jiraa foon san nyaachuun ni danda’amaa?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, dura gaaafii tee keessatti waan jette laali mee; qalma biyya Arabaa keessatti qalamu jette. Qalma biyya Arabaa dhiisii qalma yahuudaa nasaaraan qaltellee yoo harkaan qalan qalmiti isaanii halaali. Yoo ammoo qawween dhawan, yoo hafuura itti kutanii lafaan dhawan. Meeshaa ammayyaa keessatti horii fayyaa ol naqanii yeroo takka keessatti mootorri muree isaa dhidhiitatu kaldhoo irraa kaase sun haraam calla. Itti hin dhihaatin. Kan ammoo biyya Arabaa nuti akka beeynutti biyya Islaamaatii namni waan kana qalulleen Muslima. Waa takkallee isa keessatti mamiin hin jiru. Bismillaah je’ii nyaadhu. Shakkiin hin jiruu waswaasa dhiisi.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam