Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?

Gaafii: Nuti warri ala baanee waa carraaqnu kun khayrii dalaguu feena. Carraaqnee sadaqachuus ni feena. Garuu horiin keessan haraami nuun je’an. Ka masjiidaaf erginullee nurraa qeebaluu didan.

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ta duraatii ati waan dalagdu sumaatu uf beeka. Yoo sigaggaalummaa ka hojjattu taate, yoo mallaqni kee ka ribaa ta’e, yoo faana laaltuu taate, waan Rabbiin jibbu yoo ta’e horiin kee haraami. Yoo hurkama kee taate ammoo, hurkaa kee itti fayyadamuu, nama fayyaduu, sadaqachuu, hajjiin dhaquu ni dandeessa. Namni horiin hurkaa keetii haraam siin je’u wallaalaadha. Nabiin ﷺ akki je’e irra caalaan dalagaa waan namni hurkee carraaqqatu. Horiin kee horii halaalii sadaqadhu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam