Gaafii: Ijoollee dhalatte fuudhanii sheekhatti ykn kabiiratti geessanii shahaadaa qabsiisuun maali?
Deebisaa: Ijoollee eega dhalatte booda shahaadaa qabsiisuun aadaa Muslimaatii miti. Yoo haadhaafi abbaan kararraa jijjiiran malee, Muslimni Islaamummaa irratti dhalata. Wanni shahaadaa qabsiisaniif takkalleen hin jirtu. Warri Nasaaraa ijoollee wanni bishaan itti biifaniif takkaahuu bataskaana geessaniif ilmoon akka Islaamummaa irratti dhalattu waan beekaniif achirraa jijjiruufi. Yeroo namni kun du’uus dibbee itti tumanii waan kana irraa hiikan. Wanni akkas godhaniif gaafa duraa Islaamummaa irratti dhalate irraa waan jijjiiraniif amma ammoo gama keennaan nuti irraa hiiknee bakka duraatti deebisne jechu.
Dr. Liwaa’ul Islaam