Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

133: Salaata keessatti miila walitti maxxanfachuu dhabuun akkami?

Gaafii: Biyya nuti jirru kanatti namni miila walitti maxxansee hin salaatu. Biyya keenyatti ammoo miila walitti maxxansaa jedhaniitiin nu ajajanii dubbiin tun akkami?

 

Deebisaa: Miila walitti maxxansanii salaatuun ajaja Rasuula Rabbiiti ﷺ. Rasuulli Rabbii ﷺ miila keessaniifi ceekuu keessan walitti maxxanfadhaa jedhe. Saffiin akkas malee hin qajeeltu jechaatu jira. Miila walitti maxxanfachuu dhabuun wallaalumma. Barachuutu isaan irra jira. Namni beekullee barsiisutu irra jira.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa