Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

143: Salaataan alatti sujuuduun ni tahaa?

Gaafii: Namoonni tokko salaata salaatanii eega fixan booda osoma namni azkaara qara’utti jiruu waliigalanii sujuuda bu’anii salaamtaa baafatan.

 

Deebisaa: Kun yoo sujuudussahwii hin tahin waan shariaa keessa jiruu miti. Sujuuda baaxilaati. Ka aadaa godhatanii akkasumatti sujuuda oofan warra biyya paakistaanii arke. Namni gariin hogguu salaamata baafate sujuuda hogguu takka sujuuda. Sujuudussahwiidha akka hin jenne sujuudussahwiin lama tahuu qaba. Sujuudussahwiin seera sadiif sujuudama. Tokko irraanfiidha; tokko shakkiidha; tokko salaata hir’isuu yookaan dabarsuudha. Namni salaata raka’aa afur irraa dabarsee shan salaatellee sujuudussahwii bu’a. Yoo salaata dabarsitee ziyaadaa gootee eega attahiyyaatu teessee salaata kiyya raka’aa shan salaate ka jettu taate salaata keessaa baatee salaammattee, sujuudussahwii buuta. Yoo salaanni kankee hir’uu tahuu fi guutuu tahuu shakkite osoo salaata keessaa hin baane attahiyyaatu fixattee osoo salaamata hin baafatin sujuudussahwii buutee salaammatta. Sadan kana keessaa tokko yoo si mudate sujuudussahwii bu’uu dandeetta. Ka sujuudussahwii hin taane ka akkanumatti ka’anii sujuudanii salaamata baafatan kun bid’a warri zamanaa baafate.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa