Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

152: Namni salaata lama walitti qabe, yoo nama salaatutti dhufe, salaata kam dursuu qaba?

Gaafii: Namni tokko salaata hoggaa imaltuu deemee walitti qabu takkaahuu biyyuma jiru keessatti osoo karaa dheeraa deemuu yoo walitti qabe, fakkeenyaaf Zuhriifi Asrii walitti qabee, osoo deemuu ummata Asrii salaatutti yoo dhaqe salaata kamiin itti hidhata?

 

Deebisaa: Ta duraa wanni beekuu qabdu hoggaa imaltuu baate, yoo warra biyyaatti ka hidhattu taate salaata guutuu qabda. Ati musaafira waan taateef silaa salaatni kee Zuhriifi Asrilleen raka’aa lama lama. Garuu ummata biyyaatti hogguu hidhattu guuttee salaatta. Ka dura hidhattu ammoo Zuhriidha. Hoggaa isaan Asrii fixan olkaatee, Asrii salaatta. Yoo ammaas nama biyyaa ka biraatti hidhatte akkasumatti guutuu wajjiin salaatta. Yoo ammoo nama hin arkatin, iqaammattee Asrii raka’aa lama salaatta. Yoo si dabarsanii nuun salaati siin jedhan ammoo ani musaafira jettee itti himtee raka’aa lama salaattee salaammachuu dandeessa. Isaan ammoo si boodaa guuttachuu danda’an.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam