Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

167: Haqa abbaa kiyyaatu dursa moo haqa jaarsa kiyyaattu dursa?

Gaafii: Amrii ilmoo tiyyaa abbaa kiyyatu harkaa naa qabaa, aniif gurbaan tokko wal fuunee eegasii adda baanee ilmoo tokko argannee, ilmoo sanillee biyya galcheetiin abbaaf haadha tiyyatti kennadhee akkasitti qur’aana naa barsiisaa jedhee bira kaayadhe. Eegasii yeroo murtaa’e booda abbaanillee biyyatti galee akka gurbaan qur’aana qara’utti hin jirre hubate. Gurbaa kana qur’aana qaraasisa naan jedhee jennaan abbaa kiyyatti himuu sodaadhee xiqqoo jiddutti dhibaawee ture. Egasii abbaa kiyya yoo gaafadhuu qara’utti jiraa naan jedhanii, abbaan mucaallee yoo deebi’ee gaafatu humaa qara’utti hin jiru kanaafuu abbaan kiyya qaraasisutti hin jiranii haqqii gurbaa kiyyaallee balleessutti jiraa, abbaa ilmoo kanallee haqqii isaa balleessa jiraa , ilmoo tana gaafa duraa abbaa kiyya haadha tiyyatu naaf guddisutti jiraa akkam ta’aa?

 

 

Deebisaa: Amma isiin wanni barbaaddu haqqii ilmoo barsiisan kanaafii haqqii abbaa ilmoo isiin irraa dhaltee kanaafii haqqii abbaa ilmoo isii guddisutti jiruu sadeen san akkami godhaa? boodarra abbaan kiyya natti dallanee na dubbisuu dhabutu malaa mee an haqqii abbaa ilmoo eegee ilmoo tana waa barsiisa moo abbaa kiyya ka natti dallanu kana ufirraa eegaa jetti. Shariyan islaama waa hundaa qopheessee lafa kaayee jira. Jalqaba ilmoon yeroo dhalattee jalqabee abbaaf haadha irratti waajiba. Gaafa abbaa kee bira geessitu sani abbaa ilmootiin mari’attee jirtaa? Abbaan yoo qallaba ilmoo kennaa jiraate namni ilmotti haqqii qabu abbaa ilmoo dhale sani. Akkuma abbaan kankee sirraa haqqii qabu sani ilmoonillee abbaa irraa haqqii qabdi abbaalleen ilmoorraa haqqii qaba jechuudha. Yoo gaafas inni ilmoo waliin si gatee humaa nafaqaallee siif kennuu didee gara abbaa keetiitiif haadhaa teetittiin baqattee ilmoo kankee achitti yoo qaraasifataa jiraatte. Waan duri kafaluu dhabee kafalee ilmoo san gara isaa haa deebisanii rakkoo hin qabu. Maaliif jennaan ilmoon waa barachuun dirqama. Dallansuun abbaan kankee dallanu ilmoo wallaalumatti haa hanbisuu jechuun hin ta’u. Garuu abbaan kankee waan waliin rakkateef dallansuu qabaachuun ni mala. Dallansuu san inni araarfatee ilmoo isaa manguddoodhaan irraa fudhatee araarfatee akaakayyuu ilmoo saniillee haa qalbii isaanii gammachiisuu. Araaratu karaa furmaataati

 

Sheikh Alii JImmaa