Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

Gaafii: Taraawiha jiddutti dubbachuun akkami? Taraawiha jidduu jechuun kiyya Raka’a lama lamaan salaatani yoo salaama baafatan namaan walitti haasawuun ni ta’aa?

 

 

Deebisaa: Wamaa wanni dhoowwe hin jiru. Salaata tokko salaatanii yoo salaama baafatan salaata lammaffaa hanaga hin seeniniin dura haaswuun huma Rakkoo hin qabu. Bakka jijjiirachuu yookan haasawuu shari’aan hayyamtee jirti.

 

Sheikh Alii Jimmaa