Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

173: Namni tokko haadha warraa isaa gara duubaatiin qunnamuun ni ta’aa?

Gaafii: Namni tokko haadha warraa isaa gara duubaatiin qunnamuun ni ta’aa?

 

Deebisaa: Gaafiin akkanaa shari’aa keessatti dhufee jira. Rasuula Rabbii ﷺ Umar gaafatee, yaa ergamaa Rabbii ani eda dilii seenee bulee karaa bade jedheen. Maal taate yaa Umar akkamitti jennaan; Haadha manaa tiyya gama duubaatiin itti dhufee jedhe. Yoo bakka ilmoo Rabbi keessa si razzaqu taate humaa hin qabuu jedheen Rasuulli ﷺ gara duraatiin ta’ee gara boodaatiin ta’ee bakki ati itti fayyadattu yoo farjii  karaa fincaanii ta’e humaa rakkoo hin qabuu jedhe. Yoo ammoo karaa sagaraa taate haraamaa jedhe shari’aan abaaree jira Rasuulli Rabbii ﷺ abaarsa Rabbii guddaa dabarsanii jiran. Nama dubartii isaa karaa Rabbi halaal godheef dhiisee karaa sagaraa seenanii karaa sanitti namni fayyadate abaarsa Rabbii guddaa qaba. Abaarsi Rabbii isatti haabuutu namni dubartii isaa karaa halaalaa karaa ilmoon dhalattuun dhiisee karaa biraa seene jedhe Rasuulli Rabbii ﷺ

 

Sheikh Alii Jimmaa