Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

175: Namni jawwaala harkaa qabu ka qur’aana ittiin qara’utti jiruu yoo aadaan dubartii itti dhufe diliin isii maali?

 

Deebisaa: Diliin sitti dhaqabu hin jiru. Jawwaalli jawwaalaa qur’aanni qur’aana. Kanaafuu kitaabuma qur’aanatuu ta’ee yoo tafsiira ta’e qur’aana kaamila hin jedhamu tafsiira jedhama maqaan isaa. Ka ati harkaa qabdullee yoo qur’aana tafsiiraafii qur’aana kaamila qabaatellee jawwaala jedhama. Jawwaala kankee yeroo hundaa yoo harkaan qabatte si’ii janaabaa qabuu, si’ii dubartii aadaa qabduu humaa rakkoo hin qabu. Qara’uu ammoo shari’aan islaamaa janaabaafii akkasuma dubartiin dhiiga qabdu qara’uu ni dandeessi moo qara’uu hin dandeessuu kilaafatu harkaa walqaba. Waan qara’uu hin dandeessu jedhu hin agarree harkaan qabachuutu dhorka malee. Harkaan qabachuun baanan sunillee jawwaalaa mitii kitaaba qur’aanaa kaamila ka qur’aanni qofti katabaa itti qabu harkaan qabachuun dhoowwaadhaa jedhanii jiran. Ammoo warri hifzii qabu qara’uun humaa rakkoo hin qabuu.

 

Sheikh Alii Jimmaa