Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

185: Hukmiin maallaqa/horii dubartii maatii irraa fagaattee dalagattuu maali?

Gaafii: Horiin dubartiin biyya Arabaa jirtu/teessu dalagdu haraamaa hajjii dhaqaniinillee, umraa, sadaqatanillee hattaa yoo biyyatti galanii toowabatanillee toowbaan isaanii hin qeebalamu haga isaan horii tana irraa qulqullaahanii, facaasanii ufirraa fixanii harka isaanitti qullaa deebi’anii toowubatanitti akkasi nuun jedhanii malli keenya maalii?

 

 

Deebisaa: Dubartiin islaamaa takka ka Rabbiif guyyaa aakiratti amante kophaa isii imala deemuun dhoowwadha, shariyaa Rabbii guddaa keessati daangaa Rabbii cabsuudha. Dubartiin takka Rabbi sodaachuu qabdi, horiidhaaf jecha gandi humaa hin beeyne, abbootiin humaa hin beeyne ijoollee dubraa lafa ajnabiyyaatti karaa dheertuu tana ergachuun rakkoo guddatu isaan irra bu’aa, miidhama qaamaattu isaan irra bu’a. Baaharatti namni dhumataa jira. Duniyattuu kasaaraa guddatu nama mudataa jiraa Aakhiratti ammoo ta san caaltutu nama eeggata. Kuni maasiyaa addaatii qofatti nuuf haa hubatamuu obboleeyyan keenya. Intala dubraa takka manni isii sadihuma, mana isiin itti dhalatte ka abbaa haadhaati, manni lammataa mana abbaa manaati, manni sadaffaa ka dhiiraaf dhalaanillee walumaan qabnu qabriidha. Dubartiin tokko mana ufiitii baatee ganda namaa irra deddeemtee yookaa biyya namaa deemtee xiyyaara kortee takkahuu miilaan deemtee miidhama jiru kanaaf Rabbi qofatu beekaa jira. Ijoollee lafa Arabaa jirtu hedduu dubbifnee hedduu wajjiin boonnee jirra. Miidhama isaan irra gahaa jiru, ka qaama isaanii irra gahaa jiru, ka diinii isaanii irra gahaa jiru Rabbi malee namni isaanii beekaa jiru hin jiru. Ammoo horiin isaan sadaqatan hajjiin dhayxu hin ta’u, sadaqattu hin ta’u jechaa sani ani daliila itti hin garree jedheetiin jira kanaan dura. Horii namni haraama dalagee walitti qabee eessallee jiraannaan biyyallee jiraannaan tun dhugaadha haraama, horii haraamaa Rabbi hin qeebalu. Ammoo horii danfa isiitiin manuma nama nagaahaa fa’a, mana nama sheekhotii fa’a horii dalagaa halaalaa, ta Rabbiin isin quba qabu ta waan haraamaatiin hin ta’in horii isin argattan Umraa teessan, hajjii teessan, abbaa teessan haadha teessan, masjiida Rabbiitiin ijaartan, qur’aanaan bittan, sadaqattan Rabbiin isin irraa Qeebala inshaaAllaah. Ammoo diliin hin jirtu jechaa miti.

 

Sheikh Alii Jimmaa