Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

191: Qur’aana Afaan Arabaatiin ala afaan birootiin qara’uun akkami?

Gaafii: Qur’aana kana yoo afaan Arabaatiin qara’uu dadhabee Afaan ingiliffaatiin qara’adhee afaanuma ingliffaatiin hadiisa kan baradhe hoo? Yeroo namni afaan Arabaatiin qur’aana kana qara’u ni dheebodhaa garuu hin beekuu. Afaan Arabaatiin qara’u moo Afaan Ingiliffaatiin qara’utu irra ajrii qabaa?

 

 

Deebisaa: Afaan Arabaatiin qara’utu irra ajrii qaba. Rasuula Rabbiittu ﷺ harfii aliif laam miim jettu sadeen tana ani harfii hin jedhuu isiin ufii tokkumaan katabamtee walitti jirtii ani garuu harfii tokko hin jedhu jedhe. Aliifilleeen, laamilleen, miimilleen harifiidhaa tokkoo isii irratti kudhantu isinii katabamaa jedhe. Garuu afaan ingiliffaatiif Afaan Oromootiin namni tafsiira wayii dubbisu harfii kuma tokko irrattillee wanni katabamuuf hin jiru. Maaliif jennaan jecha Rabbii guddaa waan ta’eef ajriin akkasitti argama. Kanaafuu biyya garitti kitaaba qur’aanaa kan afaan oromootti jijjiirametu jira. Ispeelingiin afaan arabii ispeeling afaan Ingiliishitti ka jijjirame jechu kun shariyaa islaamaa keessattillee dhoowwadha. Kanaafuu kama afaan arabaa kana ka Rabbiin ittiin baradhaa nuun jedhe. Garuu kitaabni azkaaraa , kitaabni hadiisaa tokko afaan oromootiin afaan ingliishiitiin nu katabame rakkoo hin qabu. Hiikkaa isaa achirraa faayideeffannee barachuu ni dandeenya. Garuu qur’aanuma qofa ajriin kan itti argatamu lafzii isaa qara’uun.

 

Sheikh Alii Jimmaa