Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

192: Foon warri Shi’aa qale/goorra’e nyaachuun ni tahaa?

Gaafii: Ani warra shi’aa tokko bira dalagaa warri shi’aa kun mowulida baasanii ji’atti yeroo tokko yeroo lama walitti dhufanii qalanii yeroo gorra’anillee abbaa Abdallah jedhaa gorra’anii bismillaah jedhanii hin gorra’anii, akkam godhutu narra jiraa?

 

 

Deebisaa: Jalqabumaa intaltii islaamaa takkaaf gurbaan islaamaa tokko warra shi’aa bira jiraachuun dhoowwadha. Yeroo ammaa keessatti shi’aan aduwwii warra islaamaa aduwwii warra sunnii ta’anii jiranii irraa fagaachuutu si barbaachisaa. Yoo diinii keetiif aakhiraa keetiif ka yaaddoftu taate, jiruu teetifiillee yoo ka yaaddoftu taate warra shi’aa irraa fagaachuu si barbaachisa. Wanni isaan qalani isaanuu maqaa Rabbiitiin hin qallee waan nama biraatiif qalamee nyaachuun isa shirkiidha waan biraatti nama geessa. Isaaniin wajji nyaachuun, isaaniin wajji dalagachuun isaan wajji jiraachuunis barbaachisaa miti yeroo ammaa keessatti. Miidhama jiruu keessaniitifis miidhama mataa keessaniitiifis waan akka malee nama sodaachisu waan ta’ee jiruuf jechu. Sanuu dubri faati mirga waan hin qabneef akka fedhan godhuu ni danda’anii nama Rabbi hin sodaanne waan ta’aniif, nama amaanaa hin qabne waan ta’aniif, intalti dubraa tokko duraanuu maahrama malee waan bahanii dalagaa jiraniif rakkoo biraa fidaa jira jennaan ammallee nama shi’aa bira yookan nama kuffaaraa bira dalaga jechuun dubbii jajjabduudhaa, jiruu teessaniif duniyaa teessaniif, aakhiraa teessaniifillee miidhama guddatu isin irra gahaa irraa fagaachuudha qabdan.

 

Sheikh Alii Jimmaa