Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

198: Nama imaama booda raka’aa xumurachuuf salaataa jirutti hidhachuun ni tahaa?

Gaafii: Salaanni namni tokko nama tokkotti hidhatee salaate yoo namni sun salaama baafatee warri kun ol ka’anii salaatan isaanittillee namni biraa dhufee hidhachuu ni danda’aa?

 

 

Deebisaa: Ee humaa rakkoo hin qabu, imaama lammataa jedhamaa garuu ka duraa sun salaama baafatu malee sadaffaa dhufanii jalaan nama biraatti hidhachuun hin ta’u. Namuma tokkotu nama tokkotti hidhata yookaa nama hedutu nama tokkotti hidhataa namichi duraa sun yoo salaama baafatee warri kun ka’ee ol guuttatu namni biro dhufee nama kana keessaa nama tokkotti hidhachuu ni danda’a humaa rakkoo hin qabu.

 

Sheikh Alii Jimmaa