Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

199: Kitaaba irraa qara’aa salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko yoo salaata keessa qur’aana laalee qur’aana irraa qara’e maal qabaa du’aa’iillee taanaan kitaaba qur’aanaallee taanaan, salaata keessa laalanii qara’uun dhoowwaa qabaa tarawihaas taanaan salaata biros taanaan?

 

 

 

Deebisaa: Humaa rakkoo hin qabu kitaaba irraa laalaa salaatuun ni ta’a, kitaaba irraa laalaa du’aa’ii godhachuun ni ta’a, yoo xum’aaniinaa dhoowwee ka waswaasa namatti hin fidne ta’e jechu. Saalaanni kushu’a qabdii, yoo akka qur’aana baachuuf qur’aana babbanuun ka kushu’a nama hin dhoorkine taate humaa hin qabu.

 

Sheikh Alii Jimmaa