Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

211: Amaanaa namaa amaanaa tahuu osoo hin himiniif yoo abbaaf galche ni tahaa?

Gaafii:  Namni amaanaa na bira kaayatee eega biyyaa deemee waan san yaadadhee obboleetti tiyya guddoodhaan waan san narraa kenni jedheenii akkasumatti deemtee amaanaa san narraa kennite. Garuu hoggaa kennitu wanni waan kana hin jenneeniin wanni sun narraa kufte moo hin kufne?

 

 

 

Deebisaa:   Amaanaaf sadaqaan adda, nama tokkoon sadaqaa jettee takkaahuu kaffaaraa jettee huma ta’ee haa ta’uu nama tokkoon waan kana narraa bakka dhaabadhuu godhi yoo jetteen niyyaa teetitu laalamaa wanni kun akkana jedhanii maqaa himuun hin barbaachisu. Ammoo deeyniif amaanaan nama saniin wanni kun waan keeti, wanni kun deeynii teeti jedhanii itti himuun barbaachisa. Tanaafuu intala bakka buufatte saniin horiin siif kenne sun ka ebalu biraa qabdu sanii amaanaa keetii jedhiitii itti himi jedhiin. Akkaasitti uf qulqulleessi.

 

 

 

 

Dr.Liwaa’ulislaam