Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

243: Abbaa kiyya irraa qabeenya akaakoo kiyyaa dhaalaan qoodamuu ni danda’aa?

Gaafii: Yoo akaakayyuun kiyya horii inni dhiisee deeme abbaa kiyya wajjiin naa dhaame shari’aan maal qabdi? Akiyyatu na guddifatee, akaakayyuun kiyya hogguu deemuuf deemu abbaa kiyya waamee horii kiyya kana gurbaa an akaakayyuu ta’uuf kana hin rakkisin hin dhiibin horii kiyya isin lachuufuu adda qoodee jiraa sillee ni dhalee kanallee ni guddifadhee jedhee akaakayyuun kiyya akkasitti horii nuuf qoodee abbaan kiyya garuu sanirraa gammachuu hin qabuu, garuu dirqama abbaa isaa itti taanaan horii isaa san ani irraa qooddadhee akkanatti jirraa ammaan tana maaltu malaa?

 

 

Deebisaa: Yoo akaakoon kankee yeroo du’aa deemu sani dhaamsa akkasitti dhaammate taate hin taatu. Dhaamsi isaa sun guutamuu hin qabdu. Maaliif jennaan wasiyyaan zulmiidhaa, dhaala Rabbiin samii torbaa olii qoodee ebalu hagana haa fudhatuu, ebalu hagana haa fudhatuu jedhee Rabbi qoodee lafa kaa’e namni tokkollee yeroo du’uu ka’e waa dhaammachuun isarra hin jiru hadiisattillee dhoowwadha. Wanni inni dhaammachuu danda’u horii isaa bakka sadi keessaa bakka tokko qofa dhaamsa itti godhachuu danda’a. Ka kafanaa isaa, ka deeynii isarraa baasan, ka sadaqaa isaa yoo tokko sadaffaa san keessaa waa dhaammate malee horii isaa walitti qabee ebaluu hagana kennaa ebaluu hagana kennaan shari’aa Rabbii keessa hin jirtu. Kanaafuu akka abbaan kankee sirraa jaalatu godhii ati.

 

Sheikh Alii Jimmaa