Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

277: Akaakoon kiyya horii anaa fi abbaa kiyyaa wal qixa qooduu danda’aa?

Gaafii: Akaakoo kiyyatu na guddifatee horii ufii anaaf abbaa kiyyaa bakka lamatti nuuf qoode

 

 

Deebisaa: Jaarsi osoo hin dhukkubsanne, osoo fayyaa qabu yoo qoode, yoo addaan isiniif hire, cinaan inni siif kenneellee keeti cinaan inni abbaa keetiif kennellee kama abbaa keetiiti. Yoo ammoo fayyaan isa dhibdee du’arra jiraatee, sababa saniifis abbaan kee horii san akka hin dhaalleef waan san raawwate taanaan, sun shari’aa islaamatti haraama. Waan Rabbi duratti ittiin gaafataman waan ta’eefis dhaamsa isaa san hin guutan. Sababaan ammoo namni du’arra jiru nama waa dhaaluu danda’u tokkoof waa dhaamuun hin ta’u. Abbaan kankee eega jiraatee horii akaakoo keetii ati dhaaluu hin dandeessu. Horiin akaakoo keetii abbaa keetii fi obboleeyyan isaa ka jirantu wajjiin hirata. Yoo abbaan kankee ka obboleeyyanillee hin qabne ta’e, horii cufa isatu fudhataa jechu. Yoo osoo akaakoon kankee fayyaa qabu, ka hin dhukkubsanne, horii san akkasitti adda  isinii qoode; ka inni siif kenne kankeetii ka inni abbaa kankeetiif kenne ka abbaa kankeetiiti. Abbaan kankee yoo inni ka sirraa fudhatu taate, karaa roorroo haraamaatiin sirraa fudhate. Sunilleen waan gahuu miti shari’aa islaama keessatti haraama.

 

Sheikh Abdurahman Shariif