Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

314: Fira dhihoo malee, intalti Hajjii godhuun akkam

Gaafii: Intalti takka ka mahrama malee hajjii ka deemtu taate akkam hajjiin isii?

 

 

 

Deebisaa: Hajjiin isii ni ta’aa, garuu diliin galti. Mahrama dhabuun Hajjii irraa hin balleessu. Garuu sharxiin nama dhiiraa dandeettii fi horii qabaachuu, karaan nagaya ta’uudha. Ka dubartii hajjii isii nagaya ta’uuf, sharxiin sadeen dhiiraa kanaa fi maahrama qabaachuu waliin afuri. Garuu yoo isiin hajjii ufii goote wallaalumaan taanaan dilii qabdi maasiyaadhaan galti

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa