418: Salaata janaazaa akkamitti salaatanii?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Salaata janaazaa akkamitti salaatanii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Salaata nama du’e irratti salaatan waa afurtu waajiba.yoo namni islaamaa tokko du’e ummata islaamaa hundarratti waa afurtu waajiba ta’a ummata islaamaa ka du’a nama sanii beekan hundarratti waa afurtu waajiba. Tokkoffaa nama san dhiquu, yoo dhiira ta’e dhiiratu dhiqaa yoo dubartii ta’e dubartitu dhiqa. Bakka dhiirti hin jirretti yoo namni dhiiraa du’e dubartiin dhiquu ni dandeessi. Garuu bakka dubartiin hin jirretti yoo dubartiin takka duute hattaa yoo nam firaa ta’e yoo dhiirsa hin ta’in dhiirti dubartii dhiquun hin danda’amtu yoo niitii isaa taate malee, tahamuuma godhaniif jedhan ulamaa’iin fuqahan. Lammaffaan (kafanuu) ;woyaa hidhuufiidha. woyaa adii hidhuufiin sharxiidhaa mitii woyama hidhufiidha. Woyaa adii hidhuufiin ammoo sunnaadhaa waan gaaridha. Sadaffaan salaata irratti salaatu salaatul janaazaa jechuudha. Afraffaan Awwaalu. Wanni afran kunniin nama du’e tokko ka islaamaa ummata islaamaa ka du’a nama sanii beekerratti waajiba irratti dirqama ta’a. yoo namni tokko dalage ammoo waajibni sun waajiba fardul kifaayaa jedhaniin namni tokko dalagee jennaan diliin ummata islaamaa irraa ni bu’a. Yoo namni tokkollee ka hin dalagne nama islaamaa ka du’e tokko akkanatti dhiisan ummatni islaamaa hundi isaaniituu ni dilaawanii. Gabaabinnatti salaanni janaazaa takbiiraa afur qaba allahu akbar afur qaba. Ruku’aafi sujuuda tokkollee hin qabu. Yeroo duraa allahu akbar jedhanii salaata hidhatan;eega hidhatan booda faatiha qara’an, wayta faatihaa fixan  allahu akbar jedhan achii allahumma salli alaa  muhammadin wa’alaa aalii muhammadin kamaa salleeyta alaa  ibraahiim wa’alaa aalii ibraahiima innaka hamiidun majiid. Allaahumma baarik alaa muhammadin wo’alaa aali mohammedin kamaa baarakta alaa ibrahiima wa’alaa aali ibraahiima innaka hamiidun majiid’ du’aa’ii san qara’aa ammas allaahu akbar jedhaa eega sadaffaa allahu akbar jedhee boodha nama du’e saniif du’aa’ii godha eega afraffaa allaahu akbar jedhee booda assalamaalyekum gara mirgatti jedha yoo gara mirgaaf bitaatti salaamtaa baafates ni gahaa jechu. Ka du’e dhiira yoo ta’e gama maatatti qajeelanii dhaabbatan. Yoo dubartii taate gara walqixa dubartii karaa kanatti qajeelanii dhaabbatan. Salaanni janaazaa dheeraadhaa deebiin tanuma fakkaatti.

 

Sheik Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 889

Kanas dubbisi

427: Nama raaga bira dhaqe Salaanni isaa akkam?
372: Nikaha malee worra bultii jaarate hukmiin shari’aa maal jetti?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *