461: Yoo guyyaa juma’aadhaa kabajaa isaatiif soommane dhoorkaan jirtii?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Yoo guyyaa juma’aadhaa kabajaa isaatiif soommane dhoorkaan jirtii?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Ee ka dhoorke Nabii keenya ﷺ akki jedhe Nabiin keenya soommana guyyaa jum’aa soommanuu irraa fagaadhaa, guyyaa jum’aadhaa kabajaa isaatiif soommanuu irraa fagaadhaa. Guyyaa jum’aa soommanaan kophaa baasuun dhoorkaadha. Yoo guyyaa dura soommantee takkaahuu sabtiin walitti yoo soommante malee. Guyyaa juma’aa waanuma shariyaan kabajaa jetteen kabajna malee akka fedhinnaa keenyaatti kabajuun teenna miti jechu. Fakkeenyaaf guyyaa juma’aadhaa qaama dhiqachuun, huccuu bareedduu uffachuun, suuratul khaaf qara’uun, nagahaaf Rahammata nabii keenya irratti guddisuun, akkasuma keeyrii adda addaa dalaguun waan kabajaan guyyaa juma’aa qabu. Ammo sanirraa ala bahanii karaa biraatiin guyyaa juma’aa kabajuun dhoorkaadha. Ammo guyyaa juma’aa kana keessa yoo qadaan sirra jiraate takkaahuu nazriin takkaahuu kaffaaraan, wanni guyyaa jum’aa kana wanni isii soommansiisaa yoo jiraate guyya kana malee hin qabu jettee saniif yoo taate humaa hin qabu. Guyyama juma’aa kabajuuf soommanuun kophaa isaa dhoorka.

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 388

Kanas dubbisi

462: kophee baafatanii olgaragalchanii dhiisuun akkam?
368: Iintala takka namni isii nikaha godhuu dandahu nama meeqa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *