Gaaffii: Namni tokko eega niitii isaa hiikee baatii sagal gahanii walitti deebi’uu ni danda’anii?
Deebisaa: Ee ni danda’an. Haarawatti nikaha godhaniin yoo duraan marroo sadi hiikee hin jiraatin. Yoo ammoo nikahan irraa dhumatee jiraate yoo sadi hiikee jiraate fuudhuu hin danda’u. Yoo wayta hiiku takkaan hiike yookan lamaan hiike amma nikaha haarawaan itti deebi’uu ni danda’a warra isaanii irraa kadhatee, maarii haarwa kenneefii, aruuza haarawa godhee, karaa sanitti deebi’uu danda’a. Yoo ammoo dura sadiiniin ka hikee jiraatu taate irraa guurattee jirti itti deebi’uu hin danda’u.
Sheikh Abdurrahmaan Shariif