Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

657: Yoo rukuu’a irratti salaata dhaqqaban raka’aa san akkam godhan?

Gaafii: Namni tokko Faatihaa osoo hin dhaqqabatin imaama rukuu’aaf jilba qabatee jirutti dhufee yoo hidhate salaatni isaa akkami?

 

 

Deebisaa: Salaata keessatti bakki Faatihaa osoo hin qara’in salaatni namaa sirrii itti tahu, yoo imaama rukuu’aaf jilba qabatetti hidhatte qofa. Imaamni osoo rukuu’aaf jilba hin qabatin yoo dhaqqabatan Faatihaa godhuun dirqama taha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Salaata keessatti bakki Faatihaa osoo hin Qara’in salaatni namaa sirrii itti tahu haala lamatu jira.

1ffaa- Yoo imaama rukuu’aaf jilba qabate dhaqqabattee hidhatte.

2ffaa- Imaamni osoo rukuu’aaf jilba hin qabatin dhaqqabattee, garuu Faatihaa xumuruudhaaf yeroo gahaa yoo dhabde. Haala kana keessatti Faatihaa hanguma yeroon siif hayyamte qaraatee imaama duubaan rukuu’a godhuu qabda.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid