Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

76: Dhalaan fuudhaaf gaafadhu cufti dubrummaa hin qabdu, maal gochuu qaba?

Gaafii: Fuudhinsa barbaadaa jecha hulaa adda addaatin dhawa. telefoonallee nin dhawa. hogguu intala akkanaa takkatu lafa jira naan je’anii oduu dhagaye, ta ani silkii itti dhahu cuftuu ani heeruma nin fedhaa garuu ani dubraami numa naan jetti. taaniinis numan je’aa ani dubraami numa naan jettii maaluman godha?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, Rabbumatu beeka dhalaa hanga ati dubbifte. Dhalaan ani sayyiba siin jette dhugaa dubbatte; dhugaa sitti himte jechu. Intala sayyibaa fuudhuun eeybii miti. Nabiin keenya irra caalaan ilma namaa; isaa amata 25 intala amata 40 kadiijaa ta isaan duratti dhiira lamatti heerumte fuudhe. Yoo sii taate fuudhi. Yoo naan taanee cuftuu sayyiba je’a jette; biyya itti dhalatte dhaqi ni argattaa. intala haadhaafi abbaan kee guyyaa dhalatte beekan dhaqii fuudhi. Garuu ammoo namni dhugaa siif himee an sayyiba siin je’e, sun intala dhugaa dubbattu jechu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam