Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

93: Sidaajaa/Minxaafa irratti salaatan banaa dhiisuun maal qaba?

Gaafii: Namni tokko salaata salaatee sijaajaa yoo banaa dhiisee biraa deeme maal qaba?

 

 

Deebisaa: Namni tokko tokko jinnii ykn shayxaanaatu irratti salaataa sijaajaa banaa dhiisuun dhoorkaadha je’a. Yaa jara keenya ilmii shariaatiifi  ilmii nama wallaalaa walitti laaquun hin taatu. Akkuma san ilmii aadaatiifi ilmii shariaa walitti hin laaqan. Wanni ati jettu tun waan namni wallaalaan je’u. Huccuun huccuma. Ati yoo akkasumatti keessee biraa deemtellee akkasumatti teessi. Ati booda dhuftee walitti dachaaftullee isiin sanuma. Homa takkallee hin qabdu. Feetus marii fuudhi, feetus akkasumatti dhiisi. Garuu dhukkeefi wanti biraa akka itti hin qabanneef jecha waan irratti salaatan dachaasanii kaayyachuutu gaari. Akkasitti dhiisuufillee hin gaafatamtu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam