Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

97: Haqa abbaa irraa qabaniif ka ilmaa fudhachuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko horii akkanaa fuudhii magaalaa geessii naaf gurguri je’ee gurguree mallaqa san naaf kenni jennaan hin kennu je’eetiin dide. Sababniniis abbaa isaatitu gaaf tokko abbaa kiyya akkas godhe.

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii;, abbaan kee yoo waa balleesse badii abbaa keetiitiif Rabbi si hin gaafatu, badii teetiifillee Rabbi abbaa kee hin gaafatu, waan abbaan kee balleessen anis nama kanarraa akkas godha jettee, abbootiin teessan lamaan yoo akkas wal goote waan san irraa kafaladha jechuudhaan haqa obboleessa keetii saantima tokko nyaachuu hin dandeessu; kennuullee hin dandeessu; irraa hir’isuullee hin dandeessu. Tanaaf jecha kaan abbootiin teessan lamaan wal haa gaafatanii, haqa nama bakka si buufatee karaa feeteen barbaadii galchi. Yoo abbaan kankee haqa san ka baafachuu hin dandeenye ta’e heeraa seera guuttadhuutii ragaa itti godhii wanni sun jiraachuu karaa seeraatiin barbaadi. Akkanumatti  abbaa isaattu abbaa kiyya akkana godhe jechuudhaan haqa ilmaa inkaaruun ammoo hukmii shariaa keessatti haraamii kana abbaa keetii miti sumatu irraa gaafatama.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam