Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

99: Ilmi haadha heerumsiisuu ni dandayaa?

Gaafii: Bakka abbaan hin jirretti, takkaa abbaan addunyaa irraa yoo deeme, ilmi haadha isaa heerumsiisuu ni danda’aa?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, namni dhalaadhaaf rahima ta’u nama kudha tokko. Kudha tokko keessaa cimaan jajjabaan nama shani.

  1. Abbaa
  2. Nama abbaan bakka buufate
  3. Akaakoo
  4. Ilma (Yoo achi dura heerumtee ilma dardara qabaatte)
  5. Obboleessa
  6. Adeera/Abbeeraa

Tanaaf jecha ilmoon haadha heerumsiisuu ni dandaya. Akkuma san obboleettii teenya Ummu Suleeymi haadha Anas ibnu Maalik, ilma isiitu nikaaha godhe. Akkuma san Ummu Salamaa (RA) ta Nabiin keenya fuudhe isiillee ilmatu kenne. Bakka abbaan  hin jirre, bakka akaakoon hin jirre, bakka namni biraa hin jirretti ilmi nikaaha godhuun ni taha. wanni hangas takka tolaatuu hin jirtu.

Dr. Liwaa’ul Islaam