36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?

  • Home
  • Bultii
  • 36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Abbaa warraa kiyyaan wal jaalannee wal fuune, Abbaan warraa kiyya kun nama iccitii isaa qabachuu hin dandeenne. Hogguu ganda dhaqe cufaahuu jaartii tiyya tana bar an yeroofin waliin jira malee, gammachuu hin qabu je’ee haasawa. Ummannilleen waan kana naaf himan. Waan kana deebi’ee gaafannaan, ee bar an waa gammachuu si waliin jiraachuu hin qabuu  naan je’e. An ammoo carraaqeetiin isa jalatti uf bulchaa jira. Mee maal dhaamsa naaf dhaamtan?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ilmi dhiiraa tokko intala takka hogguu fuudhu, akkuma abbaan kiyya intala dhalaa takka fuudhetti fuudhee yaadachuu qaba. Fuuni waan baatii lamaa sadihiitii miti. Eega wal fuutanii haalaa amalaan walii galtanii hamma arrii filattanitti wajjumaan jiraachu. Yoo waldhibdanii walii galuu dadhabdan wal eebbisu. Magaalarraa akka horiitti wal hin binnee, gurra walii dabarsanii ala wal baasuun Islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha waan gurra keetiin dhageesse yoo taate malee, waan namni siin je’u dubbii alaa hin fudhatin. Irra hedduun dhalaafi dhiiraatis wal hassadee, jaarsaa jaartii adda diiguun heddummaatee jira. Yoo inni afaan isaatiin wanni akkasii nabira ni jirti ka je’u taate, eega siif hin ta’in na gad dhiisi je’ii hiikkaa gaafadhu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 260

Kanas dubbisi

44: Jaarsi hiikee je’ee deeffadhe jechuu ni dandayaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

1 thought on “36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?”

Leave a Reply to Ahmed Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *