Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

55: Ajaja jaarsa  kiyyaa diduu niin dandayaa?

Gaafii: Gurbaa tokko ka biyya jiruuf nikaaha na hidhan. Gurbaan horii natti ergi naan je’a. Lammeessallee amata kana booda koottu naan je’aa dideetiin amata tokko booda aanee maaltu narra jira?

 

Deebisaa: Horiin ati carraaqachaa jirtu halaal keetii isatti erguudhaaf dirqama hin qabdu. Abbaa keetti, haadha keetti nama feetetti ergachuu dandeessa.  Ala bahuun kee daangaa cabsuudhaa san Rabbii kee kadhadhu. Amma ammoo eega jaartii namaa ta’uu uf beeytee bakka jaarsi kee koottu siin je’etti gali. Diddee taa’uun keetilleen balleessaadha. Rabbii kankee araarama kadhadhuu isallee dhiifama gaafadhu. Abbaa warraa keetiif qajeeli, dalagatti hin deebi’inii taa’i yoo siin je’es taa’i. Waajibni nafaqaadhaa isarratti jira.

Dr. Liwaa’ulislaam