Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

54: Dhalaan sagalee ol fuutee ni salaattii? Jama’aa hoo akkamitti salaatan?

Gaafii: Yeroo salaatu suuratul Faatihaa akka dhiiratti ol fuudhee yoon qara’e akkami? Yeroo dhalaa waliin salaannu salaatul jama’aa akkamitti salaatuu dandeenya?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waan dhiirti si bira hin jirreen, waan ajnabiin sibira hin jirreen, dhalaa biratti sawtii tee hamma gurri kee si dhagayutti qara’uun wamaa hin qabu. Nama dhageessisuu hin barbaadin. Waldhabbiin salaatul jama’aa dhiiraaf dhalaadhaa ammoo dhiirti yoo imaamni dura bu’e, isumaan duubatti saffiin dheertuun godhamti. Yoo masjiidni xiqqaate, dhiirti mirgatti dhaabbachuu ni dandeessi. Karaa bitaatiin ammoo dhaabbachuu hin dandaa’an. Akkataan dhalaan itti waliin salaattu ammoo mirga imaamatiifi bitaa imaamatiin dhaabbatti. Ta imaama taatu akkuma beekkamtuuf xiqqo hanga taakkuu takkaa duratti achi siqxi malee walakkuma dhaabbatti. Haalli dhalaan dhalaa wajjiin itti salaattu kanaa Rabbiin sirraa haa qeebalu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam