Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

56: Haadha warraa tiyyarraa hangam turuutu naaf hayyamama?

Gaafii: Warra biyyaa qaba. Warra kiyya kana dhiisee deemuun kiyya, nyaataa dhugaatii qofaa mitii haqa firaashaa narraa qabdii, hukmii shariaatti hangam takka isiirraa turuudhaaf mirga qaba?

 

Deebisaa: Gabricha Rabbii, hukmii shariaatti baatii afurirraa hanga baatii jahaati. Achii ol ammoo amata lama ta’us amata sadii ta’us yoo isin jidduu waltahiinsi jiraate, wama takkallee rakkoon hin jiru. Amata lama ta’u sadii ta’u waan rizqiif deemtuuf, waan isiinis waa nuuf godhutti jiraa beeytuun, fedhinnaa isiitiin haqa firaashaa dhiifama siif gootee hangas teessee yoo itti dhaqxe, wamaa takka sirratti hin jiru. Garuu Rabbi rizqii sitti kennee yoo dandeettii qabaatte, amatuu dhaqi.

Obboleeysi keenya itti aansee wanti gaafate, Anaafi isiin yoo amata lamatti wal taane rakkoon jirtii? Je’e.

Sadihittillee rakkoon hin jiru garuu intalti tun yoo sababa ati fagaatuutiin waan biraa keessa galte, dhiiraan wajjiin nyaachuu, dhiiraan wajjiin shirshirii, dhiiraan wajjiin deemuu, dogongora keessa yoo galte, itti gaafatamtaa beeki. Jaartii tantee akka jaartiitti qabattee mirga isii eegdee akka Rabbiin jaalatutti wajjiin jiraachuu qabda. Yoo isii tana dhiiftee ta biraa fuudhuun si keessa jiraattes, Rabbiin si beekaa ilmoo namaa hin qoronya’in, hin rakkin, akka jaarsaa jaartiitti wajji jiraachuu takkaa ammoo intala tanaaf karaa gad dhiisutu sirra jira.

Dr. Liwaa’ulislaam