Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

78: Haadhaafi abbaa kiyyaa yoon addaan baase rakkoo ni qabaa?

Gaafii: Abbaan kiyya warra lama qabaa warra lamaan kana wal hin qixxeessu. Haati tiyya ta duraatii ilmaan qabdii hedduu moggatti darbamtee ta boodaa tana maqaa isiitiin waa cufaa godhaaf. Amma haati tantoo na yaamteetiin koottuu rakkoo tiyya tana naaf walqixxeessi naan jettii, yoon amman tana dhaqe isaan lamaan adda baase, rakkoon narra geessu jirtii?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii waa hundaa dura wanni beekuu qabdu, abbaan keetilleen dhiira, haati teetilleen dhala. Jarri kun lachuu dogongora ni qabu. Isiinillee dogongora ni qabdii haadha tiyya jettee jarjartee haqa hin muriniif. Abbaan kiyya dhiira jettee baaxilallee itti hin murin. Haqa haatee himattu tana dhaqii laali. Maalif jennaan dhalaan tun hoggaa irratti fuudhan sababaa masaanuutiif jaarsa isiidhaa waan hin qabnellee irra kaahuun ni malti. Waan hin jirrellee irratti uumuun ni maltii dhaqii dubbii addaan baafadhu. Dhugaa jirtu baradhuu abbaa keetiin maaliif wanni akkanaa ta’e je’ii isaan wajjiin haasawi. Eega wanni isiin himattu tun dhugaa ta’uu beektee karaa mana murtii hin fiigin, karaa adeerran keetii, karaa manguddoo, karaa ulamaa’ii deemiitii karaa Rabbiin jaalatuun jidduu isaaniititti nagaya uumi. Jidduu isaaniititti adawwii hin uumin.

 

Dr. Liwaa’ulislaam