Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

32: Haadhaafi abbaa kiyyarra eenyuun irra gargaaruu qaba?

Gaafii: An haadhaafi abbaa qaba. Haadhaa abbaan koo waldhabanii addaan yaa’aanii isiinillee heerumtee innillee fuudhe. Bakkuma jiranitti isaan lamaan irraa eenyuun gargaara?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, akkuma Nabiin keenya nu barsiisetti tajaajilli haadhaafi abbaa waldhaba. Harka sadii haadha, harki tokko abbaadha. Kanaaf jecha jara lachuutuu waan dandandeessuun tajaajili. Ka isiidhaa ammoo irra guddisi. Yoo ammoo abbaan kee irra dhibamaa ta’ee haatee jiruu gaarii keessa jiraattee rakkinna hin qabaanne, abbaa kee quba qabaadhu. Haateetillee waan dandeessuun tajaajili.

Dr. Liwaa’ulislaam