Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

22: Hikmaan Azaanaa Maali?

Gaafii: Azaana keessatti maali hikmaan jiru, sirriin agartee namni yeroo Azaanu qiiblatti garagaluu qabuuf yeroo hayyaalalsalaatiif yeroo hayya alalfalaah mirgaaf bitatti garagaluun isaa hikmaan maali naaf hin gallee? Gaafiin biro ammo akkasuma yeroo hayyaa alal salaah tiif yeroo hayya alalfalaah maaliif jijjiirree laa hawla wal quwwata illaa billaah jennaa?

 

Deebisaa: Gaafiin duraa, wanni qiiblatti garagaluun barbaachiseef, awwalan amrii Rasuula Rabbiiti ka qiiblatti garagaluun azaanamuun irra caalaadha jedhame. Ulamaa garii biratti qiblaatti garagaluun waajibaa mitii, namni tokko yoo qiibla maleellee Azaane rakkoon hin jiru jechatu jira. Garuu qiiblaa malee salaatuun hin tahu. Akkuma Rabbiin Aayata Qur’aanatti dubbatetti salaata keessatti sun waajiba. Garuu azaana keessatti qiiblatti garagaluufii garagaluu dhabuun sun waajibaa miti. Hudu’a qabaachuuf qabaachuu dhabuun waajibaa miti. Suni ammo wannni gara bitaatiifii gara mirgaatti jedhaniif akka azaanni sowtiin/sagaleen bakka muslimni qubatu hundahuu akka dhaqabuuf hikmaa saniif sahaaba ufii akkasitti Rasuulli Rabbii barsiisee jechutu daliila. Gaafii lammaffaa keessatti ammo maaliif yeroo Mu’azzinni Allahu akubar jedhu walumaan jedhaa dhufnee hayyaalalsalaatiif  hayya alalfalah irratti maaf laa hawla wal quwwata illaa billaah jennaa. Gadi uf qabiinsa ilmi muslimaa inni Rabbiif qabuuf diiniif qabu. Hayya alalsalaaf hayya alalfalaah dura maanan isii maal jechutti nu geeessa. kanaafuu gartee koottaa gara milkii Rabbiitiif gara waan itti milkooftanii salaataafi ibaadaa Rabbitti milkooftanitti koottaa yoo Mu’azzinni siin jedhu dhufiinsa sani irratti, yaa Rabbi mala dhufnuun hin qabnu akkasuma dandeettii mataa keenyaan of kaafnee ufiin dhufnu yoo ati irratti nu gargaarte malee yaa Rabbi jechaadhaan kadhaa Rabbii ufii kdhachuufii wannni nuti wajjannu martinuu mala keetiifii dandeettii keetiin yaa Rabbi jechutti human kana Rabbitti deebisuu, namni hundinuu waan Rabbi isaa goosise maraahuu anatu godhee bar anatu akkas ta’ee bar jechaan adabaa mitii jedhan. Rabbumatu gartanii na goosise Rabbumatuu waan akkanaa godhe jettee dura dandeettii tanaaf collummaa tana Rabbitti deebisutu irra adabaa jedhan, Rabbiif gabricha jiddutti tanatu jiraachuu qaba. Adaba kanarraa ka kaateef hayya alalsalaa hayya alalfalaa yoo jedhan laa hawla wal quwwata illaa billaah malaaf dandeettillee hin qabnu yaa Rabbi waan ati nuu gooteef nuu laaffifte malee jechu, kanatu itti fedhamee jechu.

 

Sheikh Alii Jimmaa