Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

89: Qabrii gubbaa muka dhaabuun ni tahaa?

Gaafii: Mukni  qabrii gubbaa dhaaban nama du’eef rahmata kadhata je’anii akkami dubbiin tun?

 

Deebisaa: Qabrii haadhaa abbaa yookaan abbaa fedheeyyuu haa ta’uu qabrii gubbaa muka dhaabaa jechuun hin jiru. Kan ammoo baala mukaa kaayuun argamte Nabii keenyarraahi . Sababaan Nabiin muka cabsee gubbaa kaaheefilleen, jara lama ka qabrii keessatti azaabamu Rabbiin dhageessise.  tokko ka fincaan ufirraa hin dhiqne. tokko ammoo ka hamaan jidduu namaa deemu. sababa kanaaf wanni kun araarama isaaniif kadhata je’eetiin Nabiin Rabbii gubbaa kaaye. Garuu isin akkas godhaa nuun hin jenne, akkasitti kaayuulleen amriin hin jiru, gubbaa dhaabuunis dhoorkaadha.  maqaa irratti katabuun barallee irratti katabuun qabrii irratti dhoorkaadha.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam