Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

82: Qadaa Soomanaa akkamitti deebisa?

Gaafii: Qadaa soommanaattu narra jiraa akkamitti soommana?

 

Deebisaa: Qadaan kee lakkoofsaan beekkamuu qaba. Laakkofsa sirra jirtu hoggaa baatiin Ramadaanaa dhumtee Iida salaatan booda guyyaa kaan Shawwaal hin soommaninii waajiba sirra jiru itti aansi. Yoo ammoo akka soommana lafa keesseen haydiin sitti dhufte, Shawwaal keessatti achi siiqfachuu dandeessa. Tanaafuu fadliinis na hin dabrin je’ee namni gariin hoggaa soommana lafa kaaye itti aansee Shawwaal soommana. Anilleen akkuma sani jettee Shawwaal san itti yoo aansitellee wamaa hin qabu. Wanni ulamaa’iin irratti walii galan odoo fardiin sirra jiruu sunnatti hin fiiginii fardii sirra jiru ufirraa geggeessi.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam