Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

33: Qur’aana qubee Afaan Oromootiin katabuun ni dandayamaa?

Gaafii: Qur’aana nin jaaladhaa garuu Qur’aanni kun hedduu na dhiba, tanaaf jechaa Afaan Oromootiin yoon barreeffadhe maal rakkina qaba?

 

Deebisaa: Kalaama Rabbii harfii inni ittiin dhufeen alatti jijjiiruun haraami. Warri wamaa hin qabu je’ullee ni jiraa garuu san daliila isaanii isaanumatu beeka. Sahaabootni guyyaa tokkollee Qur’aana kana osoo Aliif Baa je’anii hin qara’in suuratul Baqaraa irraa eegalanii aayata tokko tokkoon waan danda’aniin barachaa turan. Kanaafuu, qubetti jijjiiruun waan ma’naa harfii Qur’aanaa jijjiirtuuf jecha, irraa fagaadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam