Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

28: Salaamata walirratti Qara’uun Bid’aadhaa?

Gaafii: Salaamataa waliin jechan kun bidaayaadha moo?

 

Deebisaa: Bidaayaadha yoo jettuu afaan Arabaatiin gaafattee bidaayaadha jechuun jalqaabaa jechutti feeteeti moo gaafii kankee silaa addeeffattee bareeda ture. Ammoo akka naa galetti jalqabaan salaamataan tun jalqaba nagaya nama gaafachuuti moo jechaa yoo itti feetu taate, salaamataani jalqaba gartee keeyrii namaan calqaban. Gaaf dur jaahilyummaa keessa jiran ganamni kankee ganama gammachuu siif haa ta’u waliin jedhaa turan aadaa Jaahiliyyummatti. Akkuma bultee ooltee waliin jedhamu kana jechu. Oolmaya nagayaa bultuma nagayaa akkuma oromoon waliin jettu tana, Arabani aadaa akkasi duraan qabdi turte. Ammoo ammaan tana Islaamummaan hogguu dhufee Ergamaan Rabbii dhufan Assalaamualeykum warammatullahi wabarakaatuh jechuun Islaamummaa keessatti dhufee jechu. Kunis daliilli isaa akkuma ati gaafatetti Rabbii guddatu Qur’aana keessatti Yoo jireefamtanii nagaya isin irratti qara’uudhaan ya’anii tokko dhufee isin jireesse, du’aahii isinii kadhate ka irra caaltuun deebisaafii isinis. Yoo tokko Assalamualyekum jedhee caldhise Waaleykumsalaam warammatullah itti dabalaa jechu, yoo ammoo Assalamaleykuum warahammatullah isiniin jedhe isin ammoo sadaffaa itti dabalaa waaleykumussalaam warahammatullaah wabarakaatuhuu jechuudhaan deebisaafii jedhan. Kanaaf Rabbiin guddaan awwala jalqabaa Aadaamiif Maleeykaa jiddutti salaamtaa tana argamsiisee. Aadam abbaan nama cufaa salaamata akka gartee inni maleeykaan itti dubbattee jennaan, salaamataa jedhanii jennaan aadam deebiseef san akkasitti gartanii sababaan dhufteef jechu. Mee deemaatii Aadam irratti salaamataa qara’aa jedhee Rabbiin ergee akka inni jawwaaba deebise santuu salaama ummataa Muhaammadii jechaadhaan nuuf kennamte. Kuni hikmaan salaamataa du’aahiidhaa, salaamataadhan wal jalqabuun irra caalaa namaati jechu. Nama lamaan walitti dhufan keessaa karatti ka walitti dhufan deemaa ka walitti dhufan irra caalaan isaan nama salaamataan calqabee jechutu jira. Kanaafuu salaamataan du’aahiidha, Rasuulli Rabbii ASW salaamataa keessatti tartiiba hedduu nu barsiisan jiran, garuu baaba dheera sani keessa seenuu yeroon nuuf hin hayyamtuu. Namni tokko yoo mana namaa dhufe Assalamaaleyikum haa namaan jedhuu. Yoo gartanii deemuu ka’ellee Assalaamuaalyekum namaan haa jedhu lachuu darajaan isii Jajjabduudha jedhe Ergamaan Rabbi ASW. Tokko ka jalaqaba hayyama gaafachaati ka du’aahii kadhachaatii, lammanni ka gartee ka geggeessaatiifii walitti dhaammachaati kanaafuu gartee salaammataan lachuu akka malee jaallatamtuudha jechaadhaan Hadiisni sabatee jira.

 

Sheikh Alii Jimmaa