Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

40: Salaanni akaakuu meeqatu jira?

Gaafii: Salaata shanan, salaata duhaatiifii salaata halkanii malee, salaanni biraa ni jiraa?

 

Deebisaa: Salaanni farditti laallamu salaatuma shanani. Salaata shanan boodaan jaalatamaan salaata halkaniiti. Salaanni biraa ammoo. Rawaatibni salaata shanan kana boodaan ka deemu raka’aa kudha lamatu jira. Salaata fajrii dura raka’aa lama, salaata Zuhriii dura afur, Zuhrii booda lama, salaata Asrii durattis raka’aa Afur, Asriin sunnaa boodaa hin qabdu. Magriiba boodas raka’aa lama, ishaa’ii boodaanis raka’aa lama. Ishaa’ii duraafi magriiba durattis sunnaan hin jiru. Salaanni lamaan kun uf boodaa qaba jechu. Ka kanaa achii salaanni sunnaadhaa, salaata istikhaaraattu jira, salaata iidaattu jira, salaata Jumuaattu jira, wanni fardii kana malee jiru hedduudha. Dura ammoo ka jabeeffachuu qabdu salaata shanan keeti. Wanni achi boodaa cuftinuu sunnaa ta’uu beekuun dirqama sirratti haa ta’u.

Dr. Liwaa’ulislaam