Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

37: Salaanni attahiyyaata malee ni tahaa?

Gaafii: Ani numaan salaataa garuu attahiyyaata hin beeku. Qara’uullee hin danda’u, Yoo attahiyyaata ufirraa dhiisee salaata kaan salaate salaanni kiyya fayyaa naaf hin ta’aa?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waa hunda dura Rabbiin siif haa laaffisu, wanni ati beekuu qabdu, waa sadi salaata keessatti dirqama. Heeraa seera salaanni itti namarraa qeebalamu barachuun, salaata keessatti arkaana waan je’amu, arkaanni kudha Afuri; kudha afran barachuun, waajibaanni saddeeti; waajibaata saddeettanis barachuun dirqama. Tanaaf jecha attahiyyaanni ati dhiiftu kunis, harakaa salaata raka’aa afurii keessatti ka duraa waajiba seena; waajibni yoo beekaa dhiifte salaanni kee sirraa bade; irraanfiidhaan yoo sirraa arkame sujuudussahwii sujuudda. Attahiyyaanni dhumaa ammoo rukni; ruknii dhiifnaan beekkumsaan, wallaalaan, irraanfiin dhiistu salaanni kee bade. Kana waan ta’eef jecha, karaa danda’amuun osoo qubettillee katabattee, afaanuma harfii biraa ka beektuttillee yoo katabatte katabadhu. Kalaama Rabbii yoo taate malee ka akkanaa kana, qubetti deeffachuun rakkina hin qabuu akkasitti attahiyyaata baradhu.

Dr. Liwaa’ulislaam