Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

62: Shaayii oowwituu afuufataa dhuguun dhoorgaa qabaa?

Gaafii: Nama shaayii oo’ituu dhaabbatanii hin dhugan; takkaahuu hafuura itti hin baafatan; takkaahuu hin afuufan je’ee haasawuun dhagaye, Dubbiin tun akkami?

 

 

Deebisaa: Ta duraatii wanni dhaabbatanii dhugan oowwituu taatu qabbanooftuu taatu haraam calla jechuun dogongora. Nabiin keenya dhaabbattanii hin dhuginaallee je’anii garuu ufiifillee dhugan. Hadiisni akkas je’u sun eegalama Islaamummaati. Kan boodaa kan Nabiin Rabbii hujiidhaan ufii dhaabbatanii dhugan halaal ta’uu nama garsiisa. Kanaafuu waa hunda keessa hubatan malee karaa miti jechuu irraa if eeguu qabna. Ta   keessatti hafuura baafachuudhaa ammoo Nabii Rabbiittu dhoorke . Hogguu waan takka dhugnu akka gaalaatti walitti dhaabanii takkaahuu akka harreetti afaan itti dhaabanii dhuguun dhoorka. Habbuuqattee eega jettee waan itti dhugutti jirtu irraa afaan kee xiqqoo achi fuudhi. Akkuma san yoo waan oowwituu taates afuufuun dhoorka. Qarruu ufirraa  hafuuraan afuufuun dhoorka. Kun ammoo adaba fayyaa ilma namaa keessatti Nabiin Rabbii nu barsiise. Hafuurri afaan kee keessaa bahu kun waan dhugdu kana irratti waa fida. Bakka tana keessatti ilmii fayyaattu jira.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam