Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

06: Sunnaa Rawaatibaa Eega eegalanii dhiisuun danda’amaa?

Gaafii: Ani yeroo hedduu hoggaa salaata  fajrii zuhrii, Asrii, Magriiba, Ishaahii salaatu cufaahuu sunnoowwan salaata kanneen waliin deemu nin eeggadha. Gaaf garii immoo firraa dhiisa. Maaltu narra jira?

 

Deebisaa:  Yaa gabrittii/gabricha Rabbii ati amma fakkeenyaaf dalagaa nama bira dalagdee yoo overtime itt ida’achuu baatte maal hir’ifta? Ufirraa waa hirdhista jechu. Mindaa kee kan ji’aan kan wal taateen numa fudhatta. Garuu overtime irraa wanta aragattu san simatuu uf hoongesse. Sunna jechuun waan namarraa hir’ate yookaan  salaata fardiidhaa ka si duraa irraa hir’ate, ka hir’inna qabu kun isiidhaan guyyaa boruu Rabbiin akka siif guutamtu godha. Tanaaf Rabbiin wanni dura ilma namaa kana herreegu fuula isaa duratti haqa ilma namaa keessatti, dhiiga; haqa isaa keessatti, salaata. Salaatni kun duuba yoo hira’ate, gaaf garii namni ka walitti hin dhaabne takkaa irraanfiin waa hedduu namarraa argamaa, waan kana keessatti hir’inni kan aragamu yoo taate, Rabbiin mee gabricha kiyya  gabrittii tiyya tana sunnaa laalaafii jedha. Akkasitti galmee sunnaa hogguu siif laalan, sunnaan tun salaata kee san bakka hira’atte Rabbiin tanaan guutaaf. Faaydaan sunnaadhaa tana. Garuu, guyyaa dandeette salaataa, guyyaa dandeettii hin qabne dhiisuudhaaf hin gaafatamtu In shaa ALLAAH.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam