Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

42: Waahela kiristaanaa qabaachuun akkami?

Gaafii: Geelonni kiyya dhalaa kiristaanaatii, isaaniin waliin nyaadhee dhuguun akkamitti laallama?

 

Deebisaa: Islaamummaan nama aduwwii godhaa wajjiin hin nyaatinaa wajjiin hin dhuginaa hin jettu. Islaamummaan ifa; daawwitiidha. Waan cufaahuu rakkina nama mudatu, waan jibbamuufii waan jaalatamus siif ibsiti. Kana waan ta’eef, Muslimaaf kiristaanas haa ta’uu, yahuudas haa ta’uu, dhalaan dhalaa wajjiin dhiirti dhiiraan wajjiin, walumaa galatti wajji nyaatanii dhuguun wamaa hin qabu. Wannummaan ati waliin nyaattu sun waan haraam hin ta’in. Booyyeefi karkarroo, akkuma san farshoo hin ta’in. Wajjiin daldalachuun, ollummaadhaan wal tajaajiluun humaa hin qabu.

Dr. Liwaa’ulislaam