Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

59: Yoon attahiyyaata duraa irraanfadhe maal godhuu qaba?

Gaafii: Salaata Maghribaa salaateetiin attahiyyaata duraa irranfadhee osoon niin sujuuda je’uu salaata kiyya fixe.

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, attahiyyaanni duraa ka salaata raka’aa afurii keessatti dhufu ruknii mitii waajiba. Waajibaanni yoo beekaa dhiifte salaanni kee bade; yoo irraanfiin dhiifte ammoo sujuudussahwiitu bikka sirraaa dhaabbata. Yoo waan kana eega salaata fixxe yaadatte, salaata kee deebi’iitii salaati. Yoo ammoo yeroo gabaabduu keessa yaadatte deebitee qiblatti gara galtee sujuuda lamaan sujuuddee attahiyyaata teeysee, osoo hin salaammanneen duratti sujuudussahwii buutee salaata kankee xumurta. Yoo yeroon turte ammoo salaata jala irraa itti deebi’i.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam