< All Topics
Print

577: Dawaa ulfa ittisu fayyadamee dhiigni narraa cituu dide.

Gaafii: Amma dura yeroo lama Surgery/Operation tahee ilmoo dahe. Sababa kanaaf jecha dawaa ulfa dhoorgu fayyadamuu eegale. Eega dawaa kana fayyadamee booda dhiigni hamaan walirraa hin cinne tokko narraa yaa’uu jalqabe. Dhiigni kun ibaadaa kiyyarratti akkam taha? Salaata akkamitti salaata? Soommana akkamitti soommana?

Deebisaa: Dawaan ulfa dhoorku haala akkanaa uumuun waanuma jiru. Kun dubbii beekamaadha. Gaafattuun tun gama ibaadaatii wanti isiin godhuu qabdu; guyyoota isii ka dur aadatti beeytu jala deemuudha. Akka isiin gaafattetti dhiiga addaan hin cinnetu irraa yaa’a. guyyoota dhiigni aadaa irra turu san qofa lakkayattee, waan achirraa hafe ammoo Pads/Modasiin ofirraa hiitee ibaadaa isiitti deebi’uu qabdi. Osoma dhiigni irraa yaa’u ibaadaa hunda gooti. Wanti isiin eeggachuu qabdu guddaan, akka dhiigni irra hin yaane ofirraa hidhuu qofa. Dabalataan salaata hundaaf qaama salaa dhiqattee wudu’a godhuu qabdi. Sanii achitti wanti qaama isii dhiqachiisu hin jiru. Haga guyyaan gahee marsaan dhiiga xurii laguu deebi’utti, haaluma Kanaan ibaadaa isii itti fufti.

 

Yoo ammoo yeroo dhiiga aadaa san kan hin beeyne taate, bifa dhiigaatiin adda baafti. Dhiigni xurii laguu dhiiga birootiin garaagarummaa qaba. Kana dubartoonni ni beekan. Kanaafuu haala Kanaan adda baafattee ibaadaa isii itti fufuu qabdi.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Ibsa Dabalataa: dubartiin dawaa ulfa ittisu fayyadamntee rakkoo akkanaatiif saaxilamte ogeessa fayyaatiin mari’achuu qabdi. Ogeessi fayyaa rakkina isii laalee dawaa jijjiiruufii danda’a. yoo akkaataan isiin dawaa itti fayyadamtu dogongora tahes qajeelfama kennaaf. Kanaafuu ogeessa fayyaatiin marihachuun barbaachisaadha.

Table of Contents