< All Topics
Print

583: Jaartiin tiyya gali naan jettee ani dide, eegasii qaadii dhayxee nikaah ofirraa buuste

Gaafii: Jaartiin tiyya gali naan jettee ani dide, eegasii qaadii dhayxee nikaah ofirraa buuste. an isii tana hiikuuf dirqamni narratti jiraa?

Deebisaa Gabaabaa

 

Namoonni dhiiraa dubartii eega fuudhaniin booda dhiisanii gara biyya biraa deeman haqa isii irratti Rabbi sodaatu isaan barbaachisa. Walii galteen jaarsaa fi jaartii jiddutti barbaachisaadha. Wagga hagana turee dhufa jettanii yoo walii galtan rakkoo hin qabu. Yoo waliigalteen akkanaa jiraate badiinis nama dhiiraa san irra hin jiru. Haa ta’u malee walii galteen maletti usaniituma jaartii dhiisanii haga barbaadan irraa fagaatanii jiraatuun gaafatama jalaa nama hin baasu. Namni gariin nyaatumaa fi dhugaatii yoo argatte wanti biraa maal isiif godha jedhee hidhee akka teettu barbaada. Kun dogongora guddaadha.

 

 

Abbaan manaa akka dhiiraatti maatii isaatirraa gaafatamaadha. Kanaafuu yeroo inni fagaatee ture kana keessatti badii isiin dalagdeefis ta’ee, dogongora uumame hundaaf itti gaafatamaan abbaa manaa ta’a. Akkaataa walii galtee keessan kan duraatiin waggaa tokko booda deebi’i siin jettee ati deebi’uu yoo didde, isiin qaadii bira dhaqxee nikaya ofirraa buusuu mirga qabdi. Qabeenya ammoo karaa Rabbi jaalatuun adda qoodatuun barbaachisaadha. Walii galteedhaan walii amananii fixatuutu gaari. Heeraa fi seerri biyyi ittiin bultu kan nam tolchee waan ta’eef, karaa saniinis deemtu rakkoo tana sumatu ofitti fide. Kanaafuu wantoota akkanaa irraa fagaatuu barbaachisa. Isiin eega nikaya qaadii bira dhaqxee ofirraa buustee, wanti irraa hiikan hin jiru dubbiin dhumtee jirti.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa ulamaa’ii biyya alaa

 

Deebisaa Gabaabaa

Dubartiin takka abbaan warraa isii ji’a jaha caala akka turu yoo hayyamteef, inni ammoo bakka isiin eegumsa gahaa itti argattuu fi rakkoo malee akka jiraatuu dandeettu yoo haala mijeesseef rakkoon isarra hin jiru.

 

Yoo turtii isaatirratti isiin walii galuu didde ammoo, dhimma isii qaadii bira geeffattee furmaata itti barbaaddachuu mirga qabdi.

 

Ragaa Hadiisaa

 

Guyyaa tokko Umar ibn Alkhaxxaab magaalaa Madiinaa keessa deddeemuun too’achaa ture. Yeroo kanatti mana dubartii takka bira gahe. Dubartiin sunis, “Abbaan manaa kiyya na bira jiraachuu dhabuu isaatiif halkan natti dheeratee, natti dukkanaawe. Rabbii kiyyatti kakadhe, osoo Sodaa Rabbiitii fi qaanfii qabaachuu dhabee sireen tun silaa na jalatti raafamti” jette. Umaris waa’ee dubartii sanii qoratee adda baafate. Dubartii jaarsi isii sababa Jihaadaatiif biyyaa bahee fagaatee deeme akka taate hubate.

 

Dubartiin biraa yeroof akka isii booharsitu eega itti ergeen booda jaarsi isii deebi’ee akka dhufu dhaamsa erge. San booda intala isaa Hafsaa bira dhaqee, “Yaa intala tiyya, dubartiin takka abbaa warraa irraa fagaattee jiraachuu hagam obsuu dandeetti?” jedhee gaafate. Isiinis “Subhaanallaah! Namni akka keetii dhimma san irratti nama akka kiyyaa gaafaa?” jettee gaafiin deebisteef. “Osoo dhimma Muslimootaarratti murtii takka murteessuuf ta’uu baatee silaa si hin gaafadhu” jedheen. Isiinis, “Ji’a shan ykn jaha” jetteen. Kana booda Umar namoota jihaadaaf qe’ee irraa fagaatanii deeman, ji’a jaha qofaaf akka turan daangaa itti godhe. Ji’a tokko deemsa gara bakka jihaadaatiif. Ji’a afur eddoo duulli jiru akka turaniif. Ji’a tokko ammoo gara qe’ee deebi’uudhaaf akka itti fayyadaman seera kaaye.

 

Kanaafuu Abbaan warraa sababaa quubsaa hin qabne deebi’uun dirqama isaati. Tarii nama ilmii barbaacha manaa bahe, nama jihaadaaf manaa bahe, akkasumas nama dirqama rizqii barbaacha manaa bahe yoo taate malee. Yoo biyya san turee dalaguun dirqama taate, dirqama deebi’uu hin qabaatu. Nama sababaa quubsaa qabuuf dhiifamni ni godhama. Kun garuu qaadiidhaan qoratamee murteeffama. Haa ta’u malee mallaqa dabalataa barbaachaaf turuun hayyamamaa miti.

 

Murtii Mazhaba Hanbalii

Abbaan warraa sababaa quubsaa malee yeroo dheeraaf fagaatee yoo jiraate, haati warraa nikaya ofirraa buusuu mirga qabdi. Yoo ammoo sababa quubsaa qabaate, nikaya ofirraa buusuu hin dandeettu.

 

Murtii Mazhaba Maalikii

Akka Mazhaba Maalikiitti Sababaan barbaachisaa miti. Abbaan warraa sababaa quubsaa qabatus, qabaachuu baatus; isiin deebi’i jettee yoo deebi’uu dide, nikaha akka irraa buusu qaadii gaafatuu mirga qabdi. Sababni isaa fedhinnaa lubbuu isii guuttachuu mirga waan qabduuf.

 

Fatwaa Ibnu Useeymiin

 

“Mirgi dubartiin Abbaa warraa isiirraa qabdu, akkuma inni fedhii isaa isii waliin guuttatu, isiinis guuttachuu qabdi. Dalagaadhaaf jecha manaa fagaatee yoo deeme, murtii kana keessatti fedhiin isii yoo jiraate, akkasumas isiin bakka nageenyi isii eeggamu yoo jiraatte, rakkoon takkallee isiirra hin gahu jedhamee yoo amaname, inni haadha warraa isaa irraa fagaatee turuun rakkoo hin qabu. Sababni isaa mirgi kan isiiti. Isiin ammoo waan kana hayyamteerti. Akkasumas bakka nageenyi isii eeggamu jirti. Haala kana keessatti wagga sadih ykn sanii olii fi gadis turuu ni danda’a. Haa ta’u malee isiin deebi’ii koottu yoo jetteenii inni dide, dhimmichi qaadii bira geeffamuu qaba. Qaadiinis seera Rabbii irratti hundaa’ee waan ta’u murteessa.”

Fataawaa Nur’ala al-darb)

 

Guduunfaa

Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa irraa ji’oota jahaa oliif yoo fagaate, haati manaa isaatis dhimma kana yoo hayyamteef, bakka nageenyi isii itti eeggamu yoo qubsiise rakkoo hin qabu. Yoo Waan kana irratti isiin walii galuu didde, dhimma isii qaadii bira geeffachuu dandeetti. Qaadinis sababaa inni fagaateef qoratee, sababaa amansiisaa kan qabuu fi kan hin qabnee tahuu adda baafatee, akka inni gara bultii isaa deebi’u ykn ammoo gaa’elli sun haqamu godhuu dnada’a.

 

Dhiirri tokko maatii isaarraa fagaachuu isaatiin, haadha warraatii fi ijoollee isaarratti dhiibbaan uumamuu danda’u hagam akka ta’e hubatuu danda’uu qaba. Kunuunsi isaanii fi fedhinnaan isaanii qabeenya walitti tuulachuu caala xiyyeeffannaa argachuu qaba. Hamtuun diinii dhabuu caalu hin jiru. Nama diiniirraa fagaateef qabeenyi faaydaa takkallee hin qabaatu. Biyya isaa keessatti galii gahaa ittiin of jiraachisu yoo argatuu danda’e, maatii bira jiraachutu gaari. Maatiin meeqaatam sababa abbaa dhabuutiin ijoolleen yoo karaa irraa maqxee fasaada garagaraa keessa buutu arguun barameera. Rabbi akka nu tiysu isa kadhanna.

 

Kanaafuu Rabbi sodaatuun, haadha warraatii fi ijoollee teessan akka kunuunsitan isinii dhaamna. Mallaqa gahaa biyya keessatti isin qubsiisuu danda’u walitti qabadhaa deebi’aa. Ykn ammoo maatii keessan ofitti fudhaa. Sababnis jaartiifi ilmaanis mirga isaanii qabu. Mirga kanarraa ammoo boru gaafatamuuf jirtu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Table of Contents