< All Topics
Print

586: Haqa Abbaafi Jaarsaa keessaa kamtu irra gudda?

Deebisaa Gabaabaa

 

Yaa Gabrittii Rabbii; Ati bultii jaartee yoo qabaatte, wanni Rabbiin dirqama sirratti godhe bultii teetirratti yaaddawuudha. yoo ammoo haqa haadhaafi abbaa irraa gaafatte, Rabbiin Qur\’aana isaa keessatti, \”Allaah kophxeeysaa gabbaraa, isa biratti shariika hin godhinaa, haadhaafi Abbaa keessanii tola oolaa\” jedhe. haadhaafi abbaa keetiif toltuu yaadutu sirratti jira. gama bultii teetiitti yoo deebite ammoo, Nabiin keenya (SAW) \”Dubartiin mana isii keeysatti itti tiysistuudha. waan tiysitu sanirraa ammoo ni gaafatamti\” ja\’e. bultiin haadhaafi abbaa keetii bultii teetii miti. bultii teetitti yaaddawuu dhabuun, waan boru fuula Rabbii duratti irraa gaafatamtu tahuu beeki.

Dr. Liwaa\’ulislaam

 

 

Deebisaa Ulamaa\’ii Biyya Alaa

 

Haqni Abbaatiifi haqni jaarsaa waan adda addati. waan wal fakkaatuus miti. wanti abbaan kee sirraa barbaadu tarii mallaqa gargaarsaa tahuu dandaya. jaarsi kee ammoo bultiif sitti ida\’amuu fedha. jiruu keeysatti akka isa gargaartu sirraa fedha. waan jaarsi kee sirraa barbaadu irra hedduu abbaan kee sirraa hin barbaadu.

 

Hadiisa bukhaarii keessatti ibsame tokkorratti Rasuulli (SAW) Akkana jedhan. \”dubartiin takka osoo jaarsi isii ganda jiru soomana sunnaa soomanuu hin qabdu. yoo hayyama isarraa argatte malee\” jedhan.

 

(Sahiih Al Bukhaarii, 4899)

 

Jaarsi isii haqa addaa isii irraa qaba. halkaniifi guyyaa keeysaa sa\’aa barbaadetti itti dhaquu mirga qaba. kanaaf ammoo isiin soomana sunnaa irra jira jettee haqa isaa dhoorgachuu hin qabdu. Sababaa haqni jaarsaa dhimma akkanaa irratti akkaan murteeysaa taheef Rasuulli (SAW) dubartiin hayyama jaarsaa malee soomana sunnaah soomanuu dhoorkan.

 

Abuu hureeyraan akkana jechuun gabaase. Rasuulli (SAW) akkana jedhan. \”intalti takka yoo salaata isii shanan salaatte, yoo soomana Ramadaanaa soommante, yoo qaama ifii haaraamarraa tiysite, eegasii yoo jaarsa isiitiif ajajamte; hulaalee jannataa irraa tan feete filattee seenti\” jedhan.
Hadiisa kana Albaaniin Sahiih Al jaamii lakkofsa 660 irratti Sahiih godhe.

 

Abdallaah Ibnu Awfa akkana jedhe. Mu\’aaz gaafa Suuriyaa irraa deebi\’u, gama Rasuulaa dhufee Rasuulaaf Sujuude. Rasuulli (SAW) \”Yaa Mu\’aaz kuni maali? maal godhutti jirta? jedhanii gaafatan. \’Suuriyaa dhaqee dhufutti jira. namoonni biyya sanii Qeesotaafi Paaphaasii isaaniitiif akkanatti sujuudan. kanaaf anis isiniif sujuuduu fedhe\’ jedhee deebise Mu\’aaz. Rasuulli (SAW)\’ waan kana itti hin deebi\’in. Rabbii lubbuun Muhammad harka isaa jirtuun kakadhee, osoo Rabbiif malee namaaf sujuuduun hayyamamaa tahee, silaa akka dubartiin jaarsa isiitiif sujuuddu ajaja\” jedhan.

Ibnu Maajaal 1853 (Imaam Albaaniin hadiisa kana Sahiiha godhe)

 

Walumaa galatti hadiisota haqa jaarsaa jabeeysanii ibsan heddu dhiheeysuun ni danda\’ama. haqni jaarsaa haalaan eeggamuu qaba. haqni abbaatis haalaan eeggamuu qaba. wanti jarri lameen sirraa fedhan waan wal fakkaataa miti.

 

Gargaarsa Mallaqaa

gama dhimma gargaarsa mallaqaa yoo deebine waan faallaa kanaa tahe argina. akka shari\’aa Islaamaatti dubartiin takka qabeenya jaarsaa hayyama isaa malee tuquu hin qabdu. yoo inni akkaan doyna (Qorqodaa) tahee maatiin isaa isa biratti rakkate malee. bakka sanitti waan nyaataa dhugaatii isiifi ilmaan isiitiif barbaachisu hunda fuutee fayyadamuu dandeeysi. kanaan ala waan birootiif horii isaa irraa hayyama isaa malee waan takka tuquu hin qabdu.

 

Gama birootiin isiin yoo dalagaa qabaattee nama horii qabu taate, mallaqa isii irraa qarshii tokko jaarsa isiitiif kennuufi, tajaajila mana keessaatiif oolchuuf dirqama hin qabdu. yoo fedhinnaa ofiitiin jaarsa ofii gargaarte mirga qabdi. garuu mallaqaan jaarsa isii gargaaruun isiirratti dirqamaa miti. bakka kanatti haqa haadhaa abbaatu dirqama taha. haadhaa abbaa ofii gargaaruun dirqama. waan qaban isaan irraa qusachuun hin barbaachisu. isiin yoo barbaadde mindaa isii gutuuu haadhaa abbaa ofiitiif kennuu mirga guutuu qabdi.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Table of Contents