< All Topics
Print

588: Foon Kiristaanni qale Nyaachuun hayyamamaa?

Gaafii: Yeroo tokko tokko hoteela seenanii waa nyaachuun ni jira. hoteela kiristaanaa seenanii nyaata foon qabu sooratuun akkami?

Deebisaa Gabaabduu

 

Foon warra Ahlal Kitaab (kiristaanaa fi Yahuudaa) nyaachuun ni hayyamama. Rabbi Qur’aana isaa Suuraa Al Maa’idaa Suuraa 5ffaa aayaa 5ffaa irratti akkana jedha; “Har’a wanni lubbuun namaa hin balfine hundi halaal isiniif godhamte. Ammas nyaanni warra kitaaba kennamee isiniif halaali. Nyaanni keessanis isaaniif halaali…” Akka aayaa qur’aanaa kanatti nyaanni warra Ahlal Kitaab ykn warra kitaaba kennamee halaal ta’uun isaa himameera. Ahlal Kitaab jechuun Kiristaana fi Yahuudaadha. Foon warri kun qale nyaachuun ni hayyamama. Wanti kanarraa hafe, kan warra amantii hin qabnee, kan waaqeeffataa, kan warra Chaaynaa fi Hinduu hin hayyamamu. Isaan warra Ahlal Kitaabiitii miti.

 

 

Warri amma jiru kun Ahlal Kitaabi moo miti kan jedhurratti garaagarummaan ni jira. Haa ta’u malee eega Rabbi maqaa Kanaan waamee Qur’aana keessatti isaan dubbatee warri kun sanuma kan jedhutu caala. Kanaafuu wanti isaan qalan halaali. Garuu wantoota Maashinaan qalaman eeggachuun barbaachisaadha. Wanti Maashinaan qalamu haraama. Kanaafuu irraa fagaadhaa.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Kiristaanoonni fi Yahuudoonni ammaan tana jiran dhugumatti warra Qur’aana keessatti Ahlal Kitaab jedhamuun dubbatamaniidha. Warri kun warra bara Nabiyyiitis turaniidha. Akka isaan karaa irraa maqanii jiran osoma beeku Rabbi warra kitaabaa jedhee waame. Fakkeenyaaf suuratul Aali Imraan Suuraa 3ffaa aayaa 70 irratti akkana jedha:

 

Yaa Warra Kitaabaa maaliif aayatoota Rabbiitti kafartan

 

Suuratul Maa’idaa Suuraa 5ffaa aayaa 15 irrattis akkana jedha:

Yaa warra kitaabaa, Ergamaan keenya waan hedduu isin dhoysitan isinii ibsuuf (kan hin barbaachisne ammoo) isinii dhoysuuf dhugumatti isinitti dhufee jira. Dhugumaan Rabbirraa ifaan akkasumas kitaabni mul’ataan isiniif dhufee jira.

 

Akka aayatoota lamaan kanniin keessatti ibsametti, warri ahlal kitaab ykn ummanni warra kitaabaa jedhamu sun bara Nabiyyiitis (SAW) warra didee kafaraa tureedha. Kanaafuu diddaan isaan amma keessa jiran kunilleen maqaa warra Kitaabaa jedhu irraa hin mulqu.

 

Kiristaanonni ammaan tana jiran kunniin haa xiqqaattuu karaa Nabiyyiitiin dhaamsi isaan dhaqqabe ni jira. Kitaabas ni qabu. kana Qur’aanatu ragaa bahe. Kanaafuu namoota Muslima hin tahin kan akka Hinduu fi chaayinootaa irraa garaagarummaa qaban. Warri kun kitaabas ta’e nabiyyii osoo hin taane, namootuma dhuunfaa hordofuun amantii hundaa’eedha.

 

Kanaaf jecha Shari’aan islaamaa warra kitaabaatiif xiyyeeffannaa addaa kenna. Mirgaa fi sadarkaa addaatis wantoota muraasa irratti isaaniif kenna. Sunis dubartoota isaanii fuudhuu fi foon isaanii nyaachuudha. Suuraa Al Maa’idaa Suuraa 5ffaa aayaa 5 irratti Rabbi akkana jedha;

 

Har’a wanni lubbuun namaa hin balfine hundi halaal isiniif godhamte. Ammas nyaanni warra kitaaba kennamee isiniif halaali. Nyaanni keessanis isaaniif halaali. Dhalaa bilisaa tan mu’minaa fuudhuun isiniif halaali, Ammallee dhalaa bilisaa tan warra isiniin dura kitaabni kennamee fuudhuun isiniif halaali…”

 

Gara gaafii ijootti yoo deebinu, foon warri kitaabaa qaleen wal qabatee ulaagaaleen hordofamuu qaban ni jiru.

 

Karaa beekamaa ta’een, Maqaa Rabbii irratti dhahuudhaan yoo gorra’an, foon san sooratuun ni hayyamama.

Karaa qalma kitaaba keessaa osoo hin hordofin, elektirikaan of wallaalchisuun, bishaan keessatti ukkamamee akka du’u godhuun ykn ammoo rasaasaan dhahanii ajjeesuudhaan yoo qalan, kun karaa sirrii waan hin taaneef foon akkanaa sooratuun dhoorkaadha.

 

Wayta gorra’u maqaa Rabbiitiin ala wanti biraa yoo maqaan dhahame; Nabiyyiis tahu namni biraatis maqaan dhahamee yoo gorra’ame dhoorkaadha.

 

Akkaataa itti gorra’ame yoo hin beeknee, kan muslimaatis haa ta’u kan ahlal kitab hayamamaadha. Yoo akkaataa itti gorra’ame beeknee fi karaa sirrii hin hordofne qofa dhoorkama.

 

Maqaan Rabbii irratti dhahamuu fi dhahamuu dhabuu isaa beekuun yoo nutti ulfaates, foon san sooratun ni hayyamama. Hadiisa Aa’ishaan gabaasteen, namoonni gara Nabiyyii (SAW) dhufuun foon maqaan Rabbii irratti dhahamuu fi dhahamuu dhabuu isaa adda baafatuu hin dandeenye namarraa argachuu isaanii Nabiyyitti himan. Rasuullis (SAW) “Maqaa Rabbii irratti dhahaatii nyaadhaa” jedhanii deebisaniif.

 

Sheikh Salah Al Munajjid

 

Guduunfaa

 

Akka walii galaatti foon warra Ahlal Kitaab ni hayyamama. Warri amma jiru warra durii sanii miti jedhanii adda fooyuun hin barbaachisu. Haa ta’u malee akkaataa itti gorra’amerratti of eegganaa godhuun barbaachisaadha. Maqaan Rabbii osoo irratti hin dhahamin yoo gorra’ame, foon san Muslimnillee yoo gorra’e nyaachuun dhoorkaadha. Qawween ykn elektrikaan yoo ajjeesanis nyaachuun dhoorkaadha. Kanaafuu kan Ahlal Kitaabilleen gaafii hin qabaatu. Akkaataa foon sun itti gorra’ame beekuun yoo nutti ulfaate foon san sooratuun hayyamamaadha. Waytuma soorannu maqaa Rabbii irratti dhahuutu nurraa barbaachisa.

Tags:

1 thought on “588: Foon Kiristaanni qale Nyaachuun hayyamamaa?”

  1. Wudu’aattani jaartii wajjiin yoo rafaan akkasumaan Osoo jirani yeroo salaata yoo geette , dirqaama qaama dhiqaachu qaba moo ergaa duraa wudu’aate ammas wudu’aa haroomsee salaata.?

Comments are closed.

Table of Contents